Hubannoon nam-tolchee kan namaa yoo caale maaltu uumamuu ...
Madda suuraa, Getty Images Guddina teekinolojii keessatti dhimmoota akkaan beekamaa dhufan keessaa tokko waan 'the technological singularity' jedhamu ykn 'the singularity' jedhamu dha. Yaadni the singularity qabxii yaad-rimeedhaan jiru dha. Qabxiin kunis teekinolojiin to'annoon ala tahee duubatti deebisuun sadarkaa hin danda'amnerra yeroo gahu haala jiru hubachiisa.
Hubannoon nam-tolchee Caalera?
Qarooma ilmaan namaa keessatti haalli kuni ''haala tilmaamuun hin danda'amne'' akka tahus ibsa. Hubannoon nam-tolchee (AI) qabxii hubannoo namootaa caalurra gahuu danda'aa? Ilmaan namaa hubannoo nam tolchee ofiin hojjetaniin nyaatamanii qaroomni namaa gaaffii keessa galuu danda'aa? Gaaffileen kunneen damee teekinolojiirra darbee ijoo dubbii hawaasaafi siyaasaa tahaniiru.
Dhimma singularity irratti ibsa akka nuu kennuuf Roobootiksii irratti PHD kan hojjetaa jiruuufi hundeessaa ''Guzo Technologies'' Daani'eel Geetaachaw dubbisneerra. Madda suuraa, Getty Images ''Hubannoon nam-tolcheen sadarkaa singularity irra gahuun waan baayyee ulfaataa tahe dha,'' jedha Daani'el.
Hubannoo Nam-tolchee fi Namaa
Dandeettii hubachuu, xiinxaluufi amala namootaarra hubannoon nam-tolchee fuulduratti yoo dhufeef jedhameetu maqaan kuni kennameef. Hubannoon nam-tolchee Chat-GBT jedhamu kalaqoota yeroo dhihoon asitti nu dinqisiisan keessati. Manni maree Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi mootummooti addunyaa biroo balaa hubannoo nam-tolcheen dhufuu malu ittisuuf seeraafi danbii of eeggannoo baasaa jiru.
Hubannoo Nam-tolchee: Falmii
Ogeessonni teekinolojii hubannoon nam-tolchee bifa akkamii haa qabaatu waan jedhu irratti ejjennoo wal-fakkaataa hin qaban. Hubannoon nam-tolchee dandeetti hubachuufi xiinxaluu namootaa yoo darbe qabxiin sun singularity jedhama. ''Singularity'n sadarkaa hubannoo olaanaa dha'' jechuun ibsa Daani'el. Fakkeenyaaf, hubannoon nam-tolchee amma itti fayyadamaa jirru akka namaa tahee ykn nama akka tahe yoo nu amansise hubannoo keenyarra caaleera jechuu dha.
Ilmaan Namaa fi Hubannoo Nam-tolchee
Gama biraan hubannoo nam-tolchee fi kan namaa gidduu garaagarumman yeroo dhibu jechuu dha. Sochiin tokko tokko hubannoo nam-tolchee yoo raawwateefi isaan booda xiinxalaafi murtoo namaa caalu yoo kennaa deeme unuuf balaa hin tahu? Gaaffiin jedhu falmisiisaa dha.''Nama hamma nutti fakkaatutti kalaqoota nu amansiisan argaa jirra. Singularity irra gahuu baannus karaan garuu garuma achii kan geessu fakkata,'' jedha ogeessi teekinolojii kuni.
Hubannoo Nam-tolchee: Adeemsa Teekinolojii
Falmiin gama tokkoon jiru ''sheexana iddoo rafee haa dammaqsinu dha'' kan jedhu yoo tahu, inni kaan ammoo ''guddinni teeknolojii haala dhala namaa fayyaduun hojjechaa jira,'' kan jedhu akka tahe Daani'el hubachiisa. Gaaffiin ijoo garuu adeemsa teeknolojii kanaan karaa hin beekne irratti yoo dogoggorre ofumaa akka hin badneef wabii maali qabna? Kan jedhu dha.
Hubannoo Nam-tolchee: Amaloota Ilmaan Namaa
Daani'el, ''ogeessonni teekinolojiifi dhaaboti humna hubannoo nam-tolchee amma hubachaa kan jiran fakkaata. Sodaachaas jiru,'' jechuun ibsa. Namoonni waan harka ofiin uuman akka to'atan yaadanillee amma garuu waan mul'achaa jiru teeknolojiin isa eegamuun caala adeemuusaati.
Hubannoo Nam-tolchee: Uumamuu
Madda suuraa, Getty Images Guddina teekinolojii keessatti dhimmoota akkaan beekamaa dhufan keessaa tokko waan 'the technological singularity' jedhamu ykn 'the singularity' jedhamu dha. Yaadni the singularity qabxii yaad-rimeedhaan jiru dha. Qabxiin kunis teekinolojiin to'annoon ala tahee duubatti deebisuun sadarkaa hin danda'amnerra yeroo gahu haala jiru hubachiisa.
Gama biraan ammoo hubannoon nam-tolchee haalli itti tajaajila fooyya'aa kennutu jira. Fakkeenyaaf konkolaataawwan nama dhahanii deeman to'achuu danda'a. Haala kanaan ''hubannoon nam-tolchee matta'aa fa'iin gowwomsuun waan hin danda'amneef fooyya'aa taha,'' jedha Daani'el.
Hubannoo Nam-tolchee: Afrikaatti
Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa guddataa jiran keessatti shoorri hubannoon nam-tolchee qabu xiqqoo miti. Humna ardiin kuni qabdu tilmaama keessa galchuun hubannoon nam-tolchee damee qonnaa, wal'aansa, geejiba, barnootaafi dameewwan kaanirratti fayyadamuun fooyya'aa tahuu danda'a.
Akka ogeessi kuni jedhutti hubannoon nam-tolcheef mirgi kennamu eenyu hojjete, odeeffannoo akkamii fayyadamuun hojjete kan jedhuun murtaa'a. ''Hamma yoonaa sirna demookiraasiifi abbaa irree argineerra. Hubannoon nam-tolchee akka sirna mootummaa tokkootti hamma humna ijaarratutti gahuun akka danda'amu nutti mul'achuu dhiisuu mala,'' jedha.
Nutis haal amma jirruun hubannoon nam-tolchee maal akka hojjetu tilmaamuu hin dandeenyu. Sababiinsaa yaaduu kan dandeenyu hamma beekusa keenyaa qofa wwan taheefi,''jedha Daani'el. © 2024 BBC.
Qabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti. Gara geessituu alaatti akkaataa itti hojjennu dubbisi.